Thursday 4 October 2012

Barreessaan Akkawaaq Jaalataa

Duraan dursee nagaan koo kan oromummaa qilleensa irraan bakka jirtan hundatti isin haa qaqqabu kabajamtoota sabbioontota ilmaan oromoo akkam jirtu nagaa keessanii ergan jedhee nagaa koo isin gaafadhee booddee waantin jechuu barbaadu marsariitiin Harmee Oromiyaa kun yeroo ammaa hojii jalqabuudhaan sabboontota oromoo hirmaachisaa jiraachuu isaa gammachuudhan isiniif ibsaa itti fufuudhaan adeemsii fii kaayyoon marsaa harmee oromiyaa akkuma marsaalee oromoo gara biraatti hojii lammummaa hojjachuuf akkuma karoorfatetti yeroo ammaa kan hojii xixinnoo jalqabuudhaan oromoota baay'ee hirmachisaa jiraachuu isaa hubachiisudhaan hundeeffama marsaa kanaa fii kaayyoon isaas fuula duraaf haala kamiin miseensota horachuu akka danda'u gadi fageenyaan hojjachaa jira.


Itti dabalees marsaan kun seenaa fii aadaa oromoo kan yeroo dheeraa dura ture fii haala yeroo ammaa kanas dabalatee keessumatti waa'ee mirga abbaa biyyummaa dhabuu oromootaa irratti xiyyeeffannaa guddaatin hojjachaa jiraachuu isaa fii walabummaan ummata oromoo haala kamiin goonfatamuu akka danda'us hayyuulee oromoo fii barattootas ta'ee beektota oromoo hunda wajjin hidhataan hojjachaa jiraachuu isaas itti dabalee beeksisuun barbaada.


Harmee oromiyaa

Gara harmee oromiyaatti baga nagaan dhuftan hirmaannaan keessan cimee itti haa fufu waliin haa hojjannu.galatoomaa